WAAMICHA /DHAAMSA #OROMUMMAA🙏
Oromoonni biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan hunduu,miidhaa sababa #Hoongeetiin Ummata #Baalee fi #Baalee #Bahaarra gahaa jiru waan qabnuun haa deeggarruu!.
Hoongee uumamaan dhufeef rakkate malee,Baale seenaa keessatti lafa uumaan badhaase,Dachee waan irra facaasan hundaa dachaa hedduun baay’istee biqilchitu turte.Fakkeenyaaf, #Qamadiin Baalerraa galu Ummata biyya keessaa nyaachisuurra darbee, biyya alaattis ergama ture.
Hardha garuu,BALAA GOGIINSAATIIN BAALEEN DUR QUUFAA SUN BEELOFTEE UMMANNI HEDDUUN RAKKOO HAMAA KEESSA JIRU😭 Hojiin Ummata kanaa #Qonnaa fi #Horsiisa irratti waan hundaa’uuf, Sababa Hoongeetiin #Beelladoonni jiran rakkoo hanqina #Bishaanii fi #Margaatiin lubbuun dhumanii jiru,ammas dhumaa jiru.Ummatichis galii fi bu’aawwan Beelladarraa argatuun waan jiraatuuf hardha #Beelaaf saaxilamee jira. OROMOON YEROO MAMMAAKU, “BAASHEEN NUMA BAATII, BAATU QAANYAA TAATI ” jedha.Kanaaf,yeroon rakkoo kun dheeratus numa darba.
garuu,miidhaan osoo Oromoonni yaadaa fi qabeenya qaban biyya keessaa fi biyya Alaa jiran ummata kanarra gahe teenyee ija qofaan yoo ilaalle gaarii miti waan taheef,Waan qabnuun Dhaabbileen Mootummaa,Miti Mootummaa,Namoonni dhuunfaa,Fayyadamtoonni #Miidiyaalee hawaasaarratti dhageettii qabdan Ummata kana bira dhaabbadhaa jechuun barbaada🙏
#Miidiyaaleen jirtanis miidhaa ummata kanarra sababa hoongeetiin gahaa jiru #Gurra hawaasa baldhaa biraan gahuun Hawaasni kun akka deeggaramuuf gahee Oromummaa keessan bahadhaa jechuun barbaada.
BAALEEN DURAAN ISA BEELA’E QUUFSITEE,ISA DHEEBBODHEE BISHAAN NAAF KENNAA JEDHU AANAN OBAASTU HARDHA HOONGEEN MIIDHAMAA JIRTI WAAN TAHEEF,WAAN QABNUUN HAA DEEGGARRUU JECHUUN WAAMICHA #OROMUMMAA FI OBBOLUMMAA ISINIIF DABARSA!
Dhumarrattis, lammiin biyyaa hunduu waan qabduun Ummata kana bira dhaabbadhuu #Galmee #Seenaa ” QOMOO GAAFA RAKKINAA “jedhurratti #Maqaa keessan kaa’aa 🙏
Namoota dhuunfaa fi Gareen deeggarsa taasisaa jirtaniin #Ulfaadhaa jechuun barbaada🙏
✍️Lalisaa Husein



